Faarfannaa 145
Lallabuuf Qophaaʼuu
-
Bariʼe,
Deemuu qabna
Misiraachoo lallabuuf.
Garuu dukkana,
Roobuus jalqabeera.
Haguuggannee deebinee rafuu
Hawwina.
(WALLEE)
Ilaalcha gaarii yoo qabaanne,
Sirriit’ yoo qophoofne,
Akka milkoofnu yoo kadhanne,
Ni jabaanna.
Yesus ergamoota nuu erga.
Miti kophaa keenya.
Hir’yaa gaarii of biraa qabna;
Ni milkoofna.
-
Gammachuu
Ni arganna
Dagachuu baannaan kana.
Carraaqqii goonu
Yihowaan ni arga;
Jaalala keenya ni yaadata;
Ni beekna.
(Wallee)
Ilaalcha gaarii yoo qabaanne,
Sirriit’ yoo qophoofne,
Akka milkoofnu yoo kadhanne,
Ni jabaanna.
Yesus ergamoota nuu erga.
Miti kophaa keenya.
Hir’yaa gaarii of biraa qabna;
Ni milkoofna.
(Dabalataan Lal. 11:4; Mat. 10:5, 7; Luq. 10:1; Tit. 2:14 ilaali.)