FAARFANNAA 69
Mootummicha Lallabuu Keessan Itti Fufaa!
-
1. Hidhadhaa Mootummicha labsuuf
Saba lafarraa hundaaf.
Jaalala namootaaf qabdaniin,
Garraamota gargaaruuf.
Mirgi tajaajilaa guddaa dha;
Dubbiisaa himuu barbaanna.
Deemaa lallabuu itti fufaa;
Maqaa Waaqaa himaa dafaa.
(BUUSAA)
Dhaqaa, hundaaf Mootummicha labsaa
hin sodaatinaa.
Dhaqaa, Yihowaa cina dhaabbadhaa
Yeroo hundumaa.
-
2. Itti fufna waliin taʼuudhaan,
Dibamoof hoolonni kaan.
Guddaaf xinnaan, dhiiraaf dubartiin,
Dhugaatti jabaachuudhaan.
Waan gaarii Mootummichi fidu,
Dhagaʼuu qaba namnʼ hunduu.
Yihowaan jabina nuu kenna;
Isa qabna maal sodaanna!
(BUUSAA)
Dhaqaa, hundaaf Mootummicha labsaa
hin sodaatinaa.
Dhaqaa, Yihowaa cina dhaabbadhaa
Yeroo hundumaa.
(Dabalataan, Far. 23:4; HoE. 4:29, 31; 1 Phe. 2:21 ilaali.)