FAARFANNAA 19
Irbaata Gooftaa
-
1. Yihowaa Abbaa ʼsa waaqarraa,
Hunda caala galgallʼ harʼaa!
Yeroo dheeraa dura galgala kanatti
Jaalalʼ argisiiste ati.
Hoolaan Faasikaa ni qophaaʼe,
Sabni kee bilisa baʼe.
Booddeemmoo Yesuus dhiigasaa dhangalaasee
Raajii kana fiixaan ni baase.
-
2. Nu yaadachiisa waan kaffalte
Wayniif maxinoon dhihaate,
Ni yaanna
Buʼaa duʼa ʼlma keen argame;
Hamma duʼaattʼ ajajame.
Ayyaana kana ni kabajna;
Galata keenya ibsina.
Duʼarraa nu fure
Duuti Ilma keetii
Kana yaanna guyyaa kanatti.
-
3. Jaalalaan kaatee waan ergiteef
Ilma kee fi siin kabajuuf,
Affeerrii kee fudhannee
Asittʼ argamne
Si duratti sassaabamne.
Irbaanni gooftaa siif ulfina,
Nuuf argamsiisa jabina.
Kanaafuu fakkeenya Kiristoos hordofna
Jireenya bara baraa ʼrganna.
(Dabalataan, Luq. 22:14-20; 1 Qor. 11:23-26 ilaali.)