Nama Fakkeenya Taʼu—Daawit
Nama Fakkeenya Taʼu—Daawit
Daawit muuziqaa ni jaallata ture. Meeshaa muuziqaa taphachuurrattis taʼe walaloo barreessuurratti dandeettii guddaa qaba ture. Meeshaalee muuziqaallee hojjeteera. (2 Seenaa Baraa 7:6) Daawit dandeettii guddaa waan qabuuf mootiin Israaʼel mana mootummaa keessatti muuziqaa akka isaaf taphatu isa waamsisee ture. (1 Saamuʼel 16:15-23) Daawit affeerraa isaa fudhateera. Taʼus of tuultuu hin taane, muuziqaan jireenya isaa akka toʼatus hin heyyamne. Kanaa mannaa, dandeettii isaa Yihowaa jajachuuf itti fayyadameera.
Atoo muuziqaa ni jaallattaa? Meeshaa muuziqaa taphachuurratti dandeettii guddaa qabaachuu baattus fakkeenya Daawit hordofuu ni dandeessa. Akkamitti? Muuziqaan jireenya kee akka toʼatu ykn wanta Waaqayyoon gaddisiisu akka yaadduu fi akka raawwattu akka si taasisu heyyamuu dhiisuudhaani. Kanaa mannaa, muuziqaa gammachuu kee guddifachuuf itti fayyadami. Dandeettiin muuziqaa qopheessuu fi itti gammaduu kennaa Waaqayyooti. (Yaaqoob 1:17) Daawit karaa Yihowaa gammachiisuun kennaa isaa kanatti fayyadameera. Atoo akkas ni gootaa?