Onkoloolessa 28–Sadaasa 3
FAARFANNAA 103-104
Faarfannaa 30 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Inni “Biyyoo Taʼuu Keenya” ni Yaadata
(Daq. 10)
Gara laafinni Yihowaa yaadasaatti akka hin cichine isa kakaasa (Fr 103:8; w23.07 21 key. 5)
Yommuu dogoggora raawwannu abdii nutti hin kutatu (Fr 103:9, 10; w23.09 6-7 key. 16-18)
Humna keenyaa ol nurraa hin eegu (Fr 103:14; w23.05 26 key. 2)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Akkaataan ani hiriyaa gaaʼelaa koo itti qabu akkuma Yihowaa yaada kootti akkan hin cichine argisiisaa?’
2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Daq. 10)
-
Fr 104:24—Caqasni kun dandeettii kalaqaa Yihowaa ilaalchisee maal nu hubachiisa? (cl 64 key. 18)
-
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Fr 104:1-24 (th qoʼannaa 11)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) LALLABA ADABAABAYII. (lmd barumsa 3 qabxii 4)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii gale tokkoo wajjin viidiyoo Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Keetiif Baga Nagaan Dhufte jedhamurratti mariʼadhaa. (th qoʼannaa 9)
6. Haasaa
(Daq. 5) lmd kutaa dabalataa A qabxii 6—Mata duree: Abbaan Manaa Tokko ‘Akkuma of Jaallatutti Haadha Manaa Isaa Jaallachuu’ Qaba (th qoʼannaa 1)
Faarfannaa 44
7. Humna Keessan Beektuu?
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu Yihowaadhaaf kennuun keenya isas taʼe nuun ni gammachiisa. (Fr 73:28) Haataʼu malee, humna keenya tilmaama keessa utuu hin galchin wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu Yihowaadhaaf kennuuf carraaquun keenya dhiphinaa fi abdii kutannaaf nu saaxiluu dandaʼa.
DIRAAMAA Wanta Humna Keenyaa Ol Taʼe Of Irraa Eeguu Dhiisuudhaan Wanta Hedduu Hojjechuu Dandeenya jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Yihowaan maal nurraa eega? (Mik 6:8)
-
Shamarreen kun waaʼee galmasheerra gaʼuu baayʼee akka hin dhiphanne kan ishii gargaare maalidha?