Filannaa Dhuunfaa

Tajaajila gaarii akka argattu si gargaaruuf kuusyaadannoo (cookies) fi teeknoolojiiwwan walfakkaatanitti fayyadamna. Kuusyaadannoon tokko tokko weebsaayitiin keenya akka hojjetu gochuuf waan barbaachisaniif irratti walii galuun dirqama. Kuusyaadannoowwan dabalataa itti fayyadama kee fooyyessan fudhachuu ykn diduu ni dandeessa. Daataa kana matumaa hin gurgurru ykn daldalaaf itti hin fayyadamnu. Odeeffannoo dabalataatiif Global Policy on Use of Cookies and Similar Technologies dubbisi. Filannaa kee yeroo kamittiyyuu Filannaa Dhuunfaa keessaa sirreessuu ni dandeessa.

Yoseef Gibxi keessatti hidhamee jira.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 38-39

Yihowaan Matumaa Yoseefiin hin Dhiisne

Yihowaan Matumaa Yoseefiin hin Dhiisne

39:1, 12-14, 20-23

Yommuu qorumsawwan hedduun Yoseef irra gaʼanitti Yihowaan, ‘waan inni harkaan qabu hunda wal isaaf qixxeesseera,’ akkasumas ‘namichi mana hidhaa eegu faara akka inni itti tolu godheera.’ (Uma 39:2, 3, 21-23) Seenaa kana irraa maal barachuu dandeenya?

  • Qorumsi nu irra gaʼuun isaa Yihowaa duratti fudhatama akka dhabne kan argisiisu miti.—Far 34:19

  • Yihowaan akkamitti nu eebbisaa akka jiru hubachuu fi isa galateeffachuu qabna.—Flp 4:6, 7

  • Yihowaan akka nu gargaaru isatti amanamuu qabna.—Far 55:22

Suuraawwan garaa garaa: 1. Obboleessa mana hidhaa keessa jiruu fi xalayaa maatii isaa irraa isaaf ergame dubbisaa jiru. 2. Obboleessa hospitaala keessa ciisee jiru.