Michoota Gaarii Filachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Macaafa Qulqulluurraa Baradhu
Michoota Gaarii Filachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.
1. Michoota keenya of eeggannoodhaan filachuu kan qabnu maaliifi?
Namoonni hedduun warra kaan biratti fudhatama argachuu barbaadu. Fedhiin kunimmoo yeroo baayʼee namoota naannoo keenya jiran akka fakkaannu nu godha. Kanaaf, michoonni keenya ilaalcha keenyarratti dhiibbaa guddaa geessisu. Akkasumas, michoonni filannu nama akkamii taʼuu akka barbaannurratti dhiibbaa gochuu dandaʼu.—Fakkeenya 4:23; 13:20 dubbisi.
Daawit inni geggeessaa hafuuraatiin Macaafa Qulqulluu barreesse namoota michuu godhachuu barbaadu of eeggannoodhaan filateera. Namoota akka tajaajilaa Waaqayyootti amanamummaasaa eegee akka jiraatu isa gargaaran michuu godhateera. (Faarfannaa 26:4, 5, 11, 12) Fakkeenyaaf, Daawit Yonaataan Yihowaatti akka amanamu waan isa jajjabeesseef michuusaa taʼuusaatiin faayidaa argateera.—1 Saamuʼel 23:16-18 dubbisi.
2. Michuu Waaqayyoo taʼuu kan dandeessu akkamitti?
Yihowaan Waaqa hundumaa dandaʼu taʼuyyuu michuusaa taʼuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, Abrahaam michuu Waaqayyoo taʼuu dandaʼeera. Abrahaam Yihowaatti waan amanameefi isaaf waan abboomameef, Yihowaan michuusaa akka taʼetti isa lakkaaʼeera. (Uumama 22:2, 9-12; Yaaqoob 2:21-23, hiika bara 1899) Yihowaatti yoo amanamneefi wanta inni akka goonu barbaadu yoo raawwanne, nuyis michoota Waaqayyoo taʼuu dandeenya.—Faarfannaa 15:1, 2 dubbisi.
3. Michoota gaarii filachuudhaan faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?
Michoonni dhugaan amanamaa akka taatuufi wanta sirrii taʼe akka raawwattu si gargaaru. (Fakkeenya 17:17; 18:24) Fakkeenyaaf, Yonaataan gara waggaa 30 Daawitiin kan caaluufi aangoo mootummaa Israaʼel dhaaluu kan qabu isaa taʼuyyuu, Daawit isa Yihowaan mootii akka taʼu filate amanamummaadhaan deggereera. Michoonni dhugaan wanta sirrii hin taane raawwachaa akka jirtu yoo hubatan sirreeffama akka gootu sitti himuuf ija jabina qabu. (Faarfannaa 141:5) Akkasumas michoonni Waaqayyoon jaallatan amalawwan gaarii akka horattu si gargaaru.—1 Qorontos 15:33 dubbisi.
Namoota akkumakee wanta sirrii taʼe jaallatan Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaatti argachuu dandeessa. Achitti michoota carraaqqii Waaqayyoon gammachiisuuf gootu akka itti fuftu si jajjabeessan argatta.—Ibroota 10:24, 25 dubbisi.
Haataʼu malee, michoonni Waaqayyoon jaallatanillee al tokko tokko nu mufachiisuunsaanii hin oolu. Dogoggora isaan raawwataniin salphaatti hin aarin. (Lallaba 7:9, 20-22) Michuun cubbuurraa walaba taʼe akka hin jirre, akkasumas michuun Waaqayyoon jaallatu faayidaa guddaa akka nuuf argamsiisu yaadadhu. Dubbiin Waaqayyoo irra daddarba Kiristiyaanota hidhata keenya taʼanii akka dhiifnuuf nu gorsa.—Qolosaayis 3:13 dubbisi.
4. Namoonni “michootakee” taʼan yoo si morman maal goota?
Namoonni hedduun Dubbii Waaqayyoo hubachuuf gargaarsi yeroo isaaniif godhamu michoonnisaanii durii tokko tokko akka isaan morman hubataniiru. Michoonni akkasii gorsa gaarii ykn abdii amansiisaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame hin hubanne taʼa. Tarii isaan gargaaruu dandeessa taʼa.—Qolosaayis 4:6 dubbisi.
Karaa biraammoo, “michoonnikee” misraachoo Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsame ceephaʼu taʼa. (2 Phexros 3:3, 4) Tokko tokko carraaqqii wanta gaarii raawwachuuf gootu ceephaʼuu dandaʼu. (1 Phexros 4:4) Taanaan, michuusaanii taʼuu ykn michuu Waaqayyoo taʼuu keessaa isa tokko filachuu si barbaachisa taʼa. Michuu Waaqayyoo taʼuu yoo filatte, michuu namni kamiyyuu qaburra caalu filateetta jechuudha.—Yaaqoob 4:4, 8 dubbisi.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 12fi 19 ilaali.