Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Macaafni Qulqulluun Gorsa Yeroo Keenyatti Bu’a Qabeessa Ta’e Qaba Kan Jennu Maaliifi?

Macaafni Qulqulluun Gorsa Yeroo Keenyatti Bu’a Qabeessa Ta’e Qaba Kan Jennu Maaliifi?

Macaafni Qulqulluun Gorsa Yeroo Keenyatti Bu’a Qabeessa Ta’e Qaba Kan Jennu Maaliifi?

“Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; . . . qajeelchuuf, . . . dhimma in baasa.”—2 XIMOTEWOS 3:16.

JAARRAAWWAN darban hundatti, Macaafni Qulqulluun namoonni aadaa garagaraa qaban akkaataa jireenyasaaniirratti jijjiirama akka godhan kakaaseera. Caqasni armaan olii akka ibsutti, Macaafni Qulqulluun ogummaa Waaqayyo biraa dhufe kan qabate waan ta’eef gama kanaan bu’a qabeessa ta’uu danda’eera. Macaafni kun namootaan barreeffamus, yaada Waaqayyoo hubachuuf nu gargaara. Macaafni Qulqulluun, “Namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru” jedha.—2 Phexros 1:21.

Macaafni Qulqulluun yoo xinnaate karaawwan lamaan gorsa bu’a qabeessa ta’e kenna. Tokkoffaa, jireenya gaarii jechuun maal jechuu akka ta’e gorsa haqarratti hundaa’e kenna. Lammaffaa, namoonni jireenya gaarii akkasii argachuuf jecha humna jijjiirama barbaachisaa ta’e gochuuf isaan dandeessisu qaba. Qabxiiwwan lamaan kana mee haa ilaallu.

Hubannaa Galmawwan Bu’a Qabeessa Ta’anirra Ga’uuf Gargaaru

Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo abdii akkas jedhu kenneera: “Waan gochuun siif ta’u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta’u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to’adha.” (Faarfannaa 32:8) Waaqayyo gorsa nuu kennuu qofa utuu hin ta’in, hubannaa wantoota kallattii hundaan ilaaluuf nu dandeessisus kan nuu kennu ta’uusaa qalbeeffadhu. Galmawwan dhugumaan faayidaa nuu argamsiisan warra kam akka ta’an hubachuun, galmawwan waa’ee hin baafne hordofuudhaan jireenya keenya balleessuurraa nu eegu danda’a.

Fakkeenyaaf, namoonni hedduun jireenyasaanii keessatti beekamummaafi qabeenyaa argachuuf galma baafatu. Kitaabonni ofiin of gargaaruuf qophaa’an, yaadawwan akkamitti sadarkaa guddaarra ga’uun akka danda’amu ykn namoota kaan gowwoomsuudhaan akkamitti sooromuun akka danda’amu ibsan hedduu qabataniiru. Karaa kaaniinimmoo, Macaafni Qulqulluun, ‘nama keessatti hinaaffaa kaasuun wanta waa’ee hin baafneefi qilleensa ari’uu’ akka ta’e ibsa. Akkasumas “Namni horii jaallatu horii hin quufu” jedha. (Lallaba 4:4; 5:10) Gorsi kun yeroo har’aatti bu’aa nuuf argamsiisaa?

Gorsi Macaafa Qulqulluu hammam bu’a qabeessa akka ta’e hubachuuf, fakkeenya nama Akinoorii jedhamuufi Jaappaan keessa jiraatuu haa ilaallu. Akinooriin yuunivarsiitii beekamaa keessaa eebbifamuufi dhaabbata beekamaa ta’e keessaa hojii argachuuf yaaliin inni godhe dorgommii guddaa gochuu isa gaafatus, galmasaarra ga’uu danda’ee ture. Wanti hundinuu waan wal isaaf qixxaate fakkaata ture. Ta’us milkaa’inni inni argate gammachuu abdate hin argamsiisneef. Kanaa mannaa jireenyisaa dhiphinaan waan guutameefi garmalee akka dadhabu waan isa taasiseef fayyaa isa dhabsiise. Hiriyoonnisaa isaa wajjin hojjetan rakkoo isa mudate kana akka mo’u homaa isa gargaaruu hin dandeenye. Garmalee dhiphachuusaatiin araada dhugaatiitiin kan qabame ta’uusaarrayyuu of ajjeesuu yaada ture. Yeroo booda garuu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Wanti inni barate, ilaalcha wanta jireenyasaa keessatti dursa kennuufii qaburratti jijjiirama akka godhu isa taasiseera. Dhibeen fayyaa sababii dhiphinaatiin isa mudatee tures suuta suuta isatti fooyya’aa dhufe. Akinooriin of gurguddisuufi sadarkaa guddaarraa ga’uu hawwuu mannaa, fakkeenyi Macaafa Qulqulluu, “Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna” jedhu dhugaa ta’uusaa jireenyasaa keessatti arguu danda’eera.—Fakkeenya 14:30.

Galmi jireenyakee keessatti bakka guddaa kennuufii qabdu maal sitti fakkaata? Gammachuu dhugaa argachuuf kan si dandeessisu maalidha? Gaa’ela milkaa’ina qabu argachuudhaa? Yookiin ijoolleenkee jireenya gammachuu akka qabaatan gootee guddisuudhaa? Michuuwwan hedduu baafachuudhaa? Jireenya gammachuu qabu jiraachuudhaa? Kun hundi galmawwan sirrii ta’anidha. Macaafni Qulqulluun jireenya keenya keessatti galmi keenya inni guddaan kana ta’uu akka hin qabne nutti himus, galmawwan akkasii akka qabaannu nu jajjabeessa. Macaafni Qulqulluun jireenya gammachuu qabu jiraachuuf wanti bu’uura ta’e maal akka ta’e yommuu ibsu, “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama” jedha. (Lallaba 12:13) Abboommii kana hojiirra hin oolchin hafuun, jireenyi keenya kaayyoo dhugaa akka dhabu, aariidhaan akka guutamu, oolee bulees abdii akka kutannu nu taasisuu danda’a. Karaa biraatiinimmoo, Macaafni Qulqulluun, “Namni Waaqayyoon amanatu maal maal haa gammadu!” jechuudhaan nuu mirkaneessa.—Fakkeenya 16:20.

Macaafni Qulqulluun Namoonni Jijjiirama Akka Godhan Kan Kakaasu Akkamitti?

Phaawulos ergamaan, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba” jechuudhaan barreesseera. Akka billaa gar lamaan qaramee, yaadaafi akeeka garaa namaa keessa seenuu danda’a. (Ibroota 4:12) Macaafni Qulqulluun, akka namoonni itti of ilaanirraa haala faallaa ta’een, eenyummaasaanii isa dhugaa ifatti arguu akka danda’an waan isaan gargaaruuf, humna jireenyasaanii akka jijjiiran dandeessisu of keessaa qaba. Kanaaf, namoonni yaada garaa qajeelaa qaban jijjiirama gochuu akka isaan barbaachisu hubachuu danda’u. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan waa’ee Kiristiyaanota gumii Qorontos ishee durii keessa turaniifi isaan dura hataa, machaa’aa, ejjaafi gochawwan gadhee kanaan wal fakkaatan raawwachaa turan ilaalchisee akkas jedheera: “Isin keessaa kaan warra akkasii turan, garuu . . . hafuura Waaqayyo keenyaatiinis cubbuuttii dhiqattaniittu.” (1 Qorontos 6:9-11) Hafuurri Yihowaa har’as, hojiirra kan jiruufi humna hojjetu kan of keessaa qabu waan ta’eef, namoonni jijjiirama barbaachisaa ta’e akka godhan isaan kakaasuu danda’a.

Maariyoon inni biyya Awurooppaa jiraatu nama hamaa, maariwaanaa xuuxuufi gurguru ture. Yeroo tokko poolisiin tokko qorichawwan sammuu nama hadoochan isa jalaa fuudhuusaatiin baay’ee waan aareef, poolisicha kan reebe si’a ta’u, konkolaataasaas jala caccabsee ture. Kana malees, Maariyoon hojii kan hin qabne si’a ta’u liqii guddaa keessas galee ture. Rakkoowwan kana keessaa ofiisaatii ba’uu akka hin dandeenye yommuu hubatu Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii argisiise. Maariyoon qayyabannaasaatti guddina argisiisaa yommuu adeemu qulqullinasaa eeguu, qorichawwan sammuu namaa hadoochan fudhachuufi gurguruu, akkasumas amalasaa isa gadhee warra kaanirratti ka’u ni dhaabe. Namoonni hedduun jireenyasaa isa duraa beekan jijjiiramni inni godhe baay’ee isaan dinqisiisee ture. Kanaaf, karaarratti yommuu isa argan isa dhaabanii, “Dhugumaan ati Maariyoodhaa?” jedhanii isa gaafatu turan.

Wanti namoonni akka Akinooriifi Maariyoo gammachuu dhugaa argachuuf jireenyasaanii keessatti jijjiirama akka godhan isaan kakaase maalidha? Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan waa’ee Waaqayyoo beekumsa argachuusaanii akka ta’e beekamaadha. Qajeelfama bu’a qabeessa ta’eefi yeroo ammaatti jireenya gammachuu qabu, gara fuulduraattis abdii jireenya barabaraa akka qabaannu nu gargaaru nuu kennuu kan danda’u Waaqayyo qofadha. Yihowaan akkuma Abbaa tokkootti karaa Macaafa Qulqulluu akkas jechuudhaan nutti dubbata: “Dhaga’i yaa ilma ko, dubbii koo fudhadhu! Barri jireenya kees in baay’ata. . . . Yommuu adeemtu karaan sitti hin dhiphatu, yommuu fiigdus hin gufattu; gorsa siif kennamtetti jabaadhu, gad ishee hin dhiisin! Isheen jireenya kee waan taateef, ba’eessa godhii eeggadhu!” (Fakkeenya 4:10-13) Gorsi kana caalaa bu’a qabeessa ta’eefi qajeelfama Uumaa keenya akka barbaannu nu jajjabeessu jiraa?

[Saanduqa/Fakkii fuula 27rra jiru]

Gorsa Yeroo Har’aatti Bu’a Qabeessa Ta’e

Macaafni Qulqulluun seerawwan bu’uuraa guutummaa jireenya keenyaatti bu’a qabeessa ta’an kan qabatedha. Fakkeenyiwwan tokko tokko armaan gaditti caqasamaniirru:

Warra kaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu

“Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa.”—Maatewos 7:12.

“Isin keessaa hundumaa irra kan xinnaatu, inni guddaa in ta’a.”—Luqaas 9:48.

“Keessummoota simachuutti dhimmaa!”—Roomaa 12:13.

Amalawwan gadhee mo’uu

“Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in ta’a; miiltoon gowwootaa garuu in bada.”—Fakkeenya 13:20.

“Hidhata warra daadhii waynii gar-malee dhuganii . . . hin ta’in!”—Fakkeenya 23:20.

“Nama dheekkamaatti hin firoomin.”—Fakkeenya 22:24.

Gaa’ela hundee cimaa qabu qabaachuu

“Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!”—Efesoon 5:33.

“Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa! Waliif danda’aa, . . . waliif dhiisaa!”—Qolosaayis 3:12, 13.

Ijoollee guddisuu

“Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.”—Fakkeenya 22:6.

“Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!”—Efesoon 6:4.

Walitti bu’iinsarraa fagaachuu

“Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.”—Fakkeenya 15:1.

“Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!”—Roomaa 12:10.

Namoonni michoota ta’anillee walii galtee daldalaasaanii barreeffamaan gochuunsaanii, yeroo baay’ee gidduusaaniitti wal dhabiinsi akka hin uumamne gochuu danda’a. Kanaaf, tajaajilaa Waaqayyoo kan ta’e Ermiyaas akkas jechuudhaan barreesseera: “Sagalee walii galtee keenyaas waraqatatti caafee, dhuga-baatotas waammadhee isaan biratti caaffatichatti mallattoo nan godhe; ergasii meeticha madaaliidhaan nan safareef.”—Ermiyaas 32:10.

Ilaalcha ni ta’a jedhu qabaachuu

“Waanuma dhugaa ta’ee, . . . waanuma jaallatamaa waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii ta’ee, waanuma galata qabuu yaadaa!”—Filiphisiiyus 4:8.

Macaafni Qulqulluun wantoota hin taanerratti xiinxaluun sirrii akka hin taane kan ibsu si’a ta’u, ‘waanuma hundumaatti guungumuu’ mannaa, “Abdii qabdanitti gammadaa” jechuudhaan jajjabeessa.—Yihudaa 4, 16; Roomaa 12:12.

Seerawwan bu’uuraa gaarii ta’an kana hojiirra oolchuun keenya, yeroo ammaatti nagaafi gammachuu nuu argamsiisuu qofa utuu hin ta’in, ulaagaa Waaqayyo nurraa barbaadu akka guunnu nu gargaaruudhaan eebbasaas nuu argamsiisa. Macaafni Qulqulluun, “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, [“lafaindhaalu,” hiika bara 1899] yeroo hundumaafis keessa in taa’u” jedha.—Faarfannaa 37:29.

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Akinooriin yommuu daldalaa ture (karaa bitaa), yeroo ammaatti haadha manaasaa wajjin gammachuudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaaniif yommuu lallabu