“Mootummaan Kee Haa Dhufu”—Garuu Yoom?
“Kana hundumaa yommuu argitan akka inni balbalatti dhiʼaate beekaa!”—MAT. 24:33.
1, 2. (a) Wanti dhimma tokko sirriitti hubachuu akka dadhabnu godhu maalidha? (b) Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
NAMNI hundi waaʼee dhimma tokkoo wal qixxeetti gadi fageenyaan hubachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, namni tokko ogeessi fayyaa haala dhukkubasaa erga sirriitti qoree booda wanta ogeessi sun jedheen sirriitti yaadachuu dhiisuu dandaʼa. Yookiinimmoo, namni tokko furtuun ykn fulleen ijaa fuuldurasaa utuu jiruu argachuun isa rakkisuu dandaʼa. Wantoonni kun hundi kan uumaman, wanta tokko hubachuu dadhabuu ykn irraanfachuurraa akka taʼe qorattoonni ibsaniiru. Kunis kan taʼu wanta lama siʼa tokkotti hojjechuuf ennaa yaalanidha. Sammuun keenyammoo takkaatti xiyyeeffachuu kan dandaʼu wanta tokko qofarrattidha.
2 Namoonni baayʼeen yeroo harʼaa jiranis dadhabina akkasii waan qabaniif, wantoota addunyaa kanarratti raawwatamaa jiran sirriitti hubachuu hin dandaʼan. Bara 1914 kaasee addunyaarratti jijjiiramni guddaan akka taʼe kan amanan taʼanis, hiika wantoonni raawwatamaa jiran kun qaban hubachuu hin dandeenye. Barattoota Macaafa Qulqulluu waan taaneef, bara 1914tti yommuu Yesus samiirratti bulchuu eegale, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufe beekna. Haataʼu malee kadhannaan, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, Mat. 6:10) Kadhannaan kun guutummaatti deebii kan argatu yeroo sirni hamaan kun baduttidha. Jaalalli Waaqayyoo inni samiirratti taʼe lafarrattis kan taʼu, kun yoo raawwatame qofadha.
akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!” jedhu kana caalaa wanta raawwatu akka qabus beekna. (3. Dubbii Waaqayyoo qayyabachuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
3 Macaafa Qulqulluu yeroo hundumaa waan qayyabannuuf, yeroo harʼaa raajiin kun raawwatamaa akka jiru ni hubanna. Namoonni baayʼeen garuu haala kana hubachuu hin dandeenye! Jireenyasaaniirratti qofa waan xiyyeeffataniif, ragaa Kiristos bara 1914 eegalee bulchaa akka jiruufi dhiheenyatti addunyaa kanarratti akka faradu argisiisu hubachuu hin dandeenye. Haataʼu malee, dhuunfaadhaan gaaffiiwwan armaan gadiirratti yaaduun keenya gaariidha: Waggoota hedduudhaaf Waaqayyoon kan tajaajilte yoo taate, akkuma duraan gochaa turte yeroo keessa jirruuf xiyyeeffannaa ni kennitaa? Dhugaa kan dhageesse dhihootti yoo taʼemmoo, yaannikee maalirratti xiyyeeffata? Deebiin gaaffii kanaaf kenninu maaliyyuu yoo taʼe, ragaawwan barbaachisoo sadan Mootiin Waaqayyo muude dhiheenyatti tarkaanfiiwwan dabalataa fudhachuudhaan jaalala Waaqayyoo lafarratti guutummaatti akka raawwatu amanannaa qabaachuuf nu gargaaran haa ilaallu.
ABBOOTIIN FARDAA NI MULʼATAN
4, 5. (a) Yesus bara 1914 kaasee maal raawwachaa jira? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Abbootiin fardaa sadan gulufaa baʼan maal argisiisu? Kunoo raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti?
4 Bara 1914tti, Yesus inni farda adiirra taaʼee akka jirutti ibsame samiirratti Mootii taʼee muudameera. Akkuma Mootii taʼee muudameen sirna Seexanaa isa hamaa balleessuuf gara fuulduraatti deemuusaa eegaleera. (Mulʼata 6:1, 2 dubbisi.) Ibsi Mulʼata boqonnaa 6rratti kenname, Mootummaan Waaqayyoo erga hundeeffamee booda haalli addunyaa mancaʼaa akka deemu, jechuunis waraanni, hanqinni nyaataa, dhukkubniifi wantoonni duʼaaf sababa taʼan kaan akka baayʼatan hubachuuf nu gargaara. Abbootiin fardeenii sadan Yesusitti aansuudhaan gulufaa baʼuunsaanii haala kana sirriitti kan ibsudha.—Mul. 6:3-8.
5 Akkuma raajiidhaan dubbatame, namoonni addunyaa walii galtee uumuudhaan, garaagarummaa uumamu karaa naga qabeessa taʼeen hiikuuf yaalii yoo godhanis, yeroo sanaa kaasee nagaan ‘lafarraa balleeffameera.’ Waraanni Addunyaa Tokkoffaan waraana guddaa yeroo jalqabaatiif godhame taʼuusaa haala yeroo dhihoodhaa asitti addunyaarratti mulʼachaa jirurraa hubachuun ni dandaʼama. Bara 1914 kaasee karaa dinagdeefi saayinsii guddinni yoo jiraateyyuu, hanqinni nyaataa addunyaan akka hin tasgabboofne gochaa jira. Hunda caalaammoo, waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman, dhukkuboota addaddaa, balaa uumamaafi ‘dhaʼichawwan’ duʼaaf nama saaxilan kaaniin dhumaa jiru. Wantoonni kun isa kanaan duraa caalaa iddoo baayʼeetti kan argaman, siʼa baayʼee kan raawwatamaniifi hubaatii guddaa kan geessisanidha. Hiika wantoonni kun qaban sirriitti ni hubattaa?
6. Raawwii raajii Macaafa Qulqulluu kan hubatan eenyufaʼi? Kunoo maal gochuuf isaan kakaase?
6 Waraanni Addunyaa Tokkoffaaniifi dhukkubni Ispaanish influwenzaa jedhamu kaʼuunsaa yaanni namoota hedduu akka hihhiramu godhee ture. Kiristiyaanonni dibamoon garuu, ‘barri namoota saba Waaqayyoo hin taʼinitti kenname’ bara 1914tti akka xumuramu eegaa turan. (Luq. 21:24) Wanta taʼuuf jedhu guutummaatti beekuu baatanis, bara 1914tti Mootummaan Waaqayyoo wajjin haala walqabateen jijjiiramni tokko akka uumamu beeku turan. Raajiin Macaafa Qulqulluu kun raawwatamuusaa akkuma hubataniin, bulchiinsi Waaqayyoo jalqabuusaa ija jabinaan namoota kaaniif labsuu jalqaban. Waaʼee Mootummichaa labsuunsaanii ariʼatama cimaa isaanirraan geessiseera. Haalli kun biyyoota hedduu keessatti taʼuunsaa, raajiin dubbatame raawwii argachuusaa kan argisiisudha. Bara 1914 kaasee waggoota hedduudhaaf diinonni Mootummichaa ‘seera jalʼisuudhaan wanta hamaa’ raawwataniiru. Dabalataanis, miidhaa qaamaafi hidhaa addaddaa kan geessisan taʼuusaaniirrayyuu, obboloota keenya fannisaniiru, rasaasaan ajjeesaniiru ykn mormasaanii kutaniiru.—Far. 94:20; Mul. 12:15.
7. Namoonni baayʼeen wantoota addunyaarratti raawwatamaa jiraniif wanta sababa taʼe hubachuu kan dadhaban maaliifi?
2 Qor. 5:7) Jireenyasaaniirratti qofa xiyyeeffachuunsaanii, wanta Waaqayyo gochaa jiru hubachuu akka dadhaban isaan godheeraa laata? (Mat. 24:37-39) Ololli Seexanaa yaanisaanii akka jaamu godheeraa laata? (2 Qor. 4:4) Wanta addunyaa hafuuraa keessatti raawwatamaa jiru beekuuf, amantiifi hubannaa hafuuraa qabaachuun barbaachisaadha. Gama kanaan wantoota raawwatamaa jiran hubachuu dandaʼuu keenyatti baayʼee gammanna!
7 Ragaan Mootummaan Waaqayyoo samiirratti akka hundeeffame ibsu hedduun utuma jiruu namoonni baayʼeen hubachuu kan dadhaban maaliifi? Wanta addunyaarratti raawwatamaa jiruufi raajii Macaafa Qulqulluu isa sabni Waaqayyoo yeroo dheeraadhaa kaasanii labsaa jiran walbira qabanii ilaaluu kan dadhaban maaliifi? Namoonni hedduun yaannisaanii wanta arganirratti qofa akka xiyyeeffatu waan godhaniifii laata? (HAMMEENYI DABALAA JIRA
8-10. (a) Raajiin 2 Ximotewos 3:1-5rratti argamu raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti? (b) Hammeenyi yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemaa jira kan jennu maaliifi?
8 Ragaa lammaffaan Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti lafa kana akka toʼatu beekuuf nu gargaaru, hammeenyi yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemuusaati. Jaarraa dhihoodhaa asitti, wantoonni 2 Ximotewos 3:1-5rratti ibsaman raawwiisaanii argachaa jiru. Amaloonni namootaa caqasa kanarratti ibsaman iddoo baayʼeetti kan argaman, yeroo dheeraadhaaf kan turaniifi siʼa baayʼee kan raawwatamanidha. Atoo raajiin kun balʼinaan raawwiisaa argachaa akka jiru hubatteettaa? Mee fakkeenya tokko tokko haa ilaallu.—2 Ximotewos 3:1, 13 dubbisi.
9 Garaagarummaa wantoota bara 1940mman ykn 1950mman keessa akka qaaniitti ilaalamaa turaniifi yeroo harʼaa bakka hojii, bakka bashannanaa, ispoortiifi faashinii addaddaarratti mulʼachaa jiran gidduu jiru mee yaadi. Jalʼinniifi gadhiisiitti jiraachuun bakka hundatti babalʼateera. Namoonni hedduun, hamminaan, saalqunnamtii seeraan ala taʼe raawwachuufi gara jabinaan warra kaan caalanii argamuu barbaadu. Wanti bara 1950mman keessa televijiiniidhaan dhihaatuufi akka gadheetti ilaalamaa ture, yeroo harʼaa sagantaa gaarii maatiin ittiin bashannanu taʼeera. Akkasumas saalqunnamtiin namoota saala walfakkaatu qaban gidduutti raawwatamu bashannanaafi faashiniirratti dhiibbaa gochaa kan jiru siʼa taʼu, namoonni akkasii akkaataa jireenyaasaanii kana Yihudaa 14, 15 dubbisi.
babalʼisaa jiru. Gama kanaan ilaalcha Waaqayyo qabu baruu keenyatti baayʼee galateeffanna!—10 Yookiinimmoo, Kiristiyaanni tokko, wanti dargaggoota bara 1950mman keessa turaniif amala gadhee taʼe, isa yeroo harʼaarraa adda akka taʼetti yaaduu dandaʼa. Yeroo sanatti warra kan taʼan, ‘Ijoolleen keenya, tamboo xuuxaa, dhugaatii alkoolii dhugaa, akkasumas ragada miira hin taane nama keessatti uumurratti hirmaachaa jiruu laata?’ jedhanii yaaddaʼaa turan taʼa. Yeroo harʼaa, wantoonni nama rifaasisan waanuma baramaa taʼaa dhufaniiru. Fakkeenyaaf, mucaan umrii waggaa 15 tokko barattoota daree tokkotti wajjin baratanirratti dhukaasa banuudhaan, 2 ajjeesee 13 madeesseera. Dargaggoonni umrii waggoota kurnanii keessatti argamaniifi machaaʼanii turan, intala waggaa sagalii gara jabinaan ajjeesanii abbaafi durbiishee reebaniiru. Biyya ardii Eeshiyaatti argamtu tokko keessatti, yakkawwan waggaa kudhanii asitti raawwataman keessaa walakkaasaa kan raawwatan dargaggoota akka taʼan gabaafameera. Kanaaf, haalli addunyaa yeroodhaa gara yerootti mancaʼaa akka jiru namni haalu jiraa?
11. Namoonni baayʼeen haalli addunyaa mancaʼaa akka jiru hubachuu kan dadhaban maaliifi?
11 Phexros ergamaan, “Guyyoota gara dhumaatti gaʼiftoonni akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan [in kaʼu] . . . Isaan isinitti gaʼisuudhaaf, ‘Deebiʼee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu duʼanii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata’ in jedhu” jechuudhaan dubbateera. (2 Phe. 3:3, 4) Namoonni tokko tokko ilaalcha akkasii kan qabaatan maaliifi? Wanti tokko ennaa baramaa adeemu, namoonni wanta sanaaf xiyyeeffannaa kennuu dhiisaa waan deemaniif taʼuu dandaʼa. Hawaasni tokko karaa amalaa mancaʼaa deemuunsaa, jijjiirama amalaa namni baayʼee walitti dhihaannu tokko argisiise caalaa nu rifaasisuu dhiisuu dandaʼa. Haataʼu malee, amalli suuta suutaan mancaʼu kun balaa cimaa hin geessisu dandaʼa.
12, 13. (a) Wanti addunyaarratti raawwatamaa jiru abdii nu kutachiisuu kan hin qabne maaliifi? (b) Guyyoota gara dhumaa ‘sodaachisaa taʼan’ moʼuu kan dandeenyu yoo maal hubannedha?
12 Phaawulos ergamaan, “guyyoota gara dhumaatti” haalli addunyaa ‘sodaachisaa taʼaa akka dhufu’ nu akeekkachiiseera. (2 Xim. 3:1) Haataʼu malee, wantoota sodaachisaa taʼan kana moʼuun waan dandaʼamuuf, dhugaa jirurraa baqachuu hin qabnu. Gargaarsa Yihowaa, hafuura qulqulluufi gumii Kiristiyaanaarraa argannuun, abdii kutachuus taʼe sodaa nutti dhagaʼamu karaa milkaaʼina qabuun moʼuu ni dandeenya. Akkasumas, amanamoo taanee jiraachuu ni dandeenya. “Humni humna gararraa kan keenya utuu hin taʼin kan Waaqayyoo ti.”—2 Qor. 4:7-10.
13 Phaawulos waaʼee guyyoota gara dhumaa ennaa ibse, jecha “hubadhu!” jedhutti fayyadamee akka ture qalbeeffachuun keenya gaariidha. Jechi kun, wanti taʼuuf jedhu sun dhugumaan akka taʼu kan mirkaneessudha. Hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti, biyyi lafaa Waaqayyorraa fagaate kun caalaatti mancaʼaa akka deemu beekamaadha. Wanta sirrii ykn dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaan amalaaf baʼe dagatamaa yommuu adeemu, hawaasni ykn sabni tokko guutummaatti mancaʼuu akka dandaʼu hayyoonni seenaa ibsaniiru. Haataʼu malee, yeroo harʼaatti amalli namootaa haala kanaan dura taʼee hin beekneen mancaʼeera. Namoonni baayʼeen yaada kana fudhachuu baatanis, haalli adda taʼe kun bara 1914 kaasee ifatti mulʼachaa waan jiruuf, Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti tarkaanfii akka fudhatu amanuu dandeenya.
DHALOONNI KUN HIN DARBU
14-16. Ragaa sadaffaan Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti akka “dhufu” amanuuf nu gargaaru maalidha?
14 Seenaan saba Waaqayyoo, ragaa sadaffaa guyyaa dhumaatti dhihaachuu keenya hubachuuf nu gargaarudha. Fakkeenyaaf, Mootummaan Waaqayyoo samiirratti hundeeffamuusaa dura, tuutni dibamtoota amanamoo taʼan qabate tokko
dammaqinaan Waaqayyoon tajaajilaa ture. Wantoota isaan bara 1914tti akka raawwatamu eeggachaa turan keessaa muraasni utuu hin raawwatamin ennaa hafetti maal godhan? Baayʼeensaanii qorumsiifi ariʼatamni utuma isaanirra gaʼuu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluusaanii itti fufaniiru. Dibamtoota kana keessaa baayʼeensaanii jireenyasaanii isa lafarraa amanamummaadhaan xumuraniiru.15 Yesus raajii guyyoota gara dhumaa ilaalchisee balʼinaan ibserratti, “Wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni siʼanaa kun hin darbu” jedheera. (Maatewos 24:33-35 dubbisi.) Yesus ‘dhaloota siʼanaa’ yommuu jedhu waaʼee gareewwan lamaan Kiristiyaanota dibamoo dubbachuusaa akka ture hubanneerra. Gareen jalqabaa, bara 1914tti kan turan siʼa taʼu, bara sanatti mallattoo argamuu Kiristos mulʼisu hubachuu dandaʼaniiru. Miseensonni garee kanaa bara 1914tti jiraachuu qofa utuu hin taʼin, bara sanatti ykn isa dura ilmaan Waaqayyoo warra hafuura qulqulluudhaan dibaman taʼaniiru.—Rom. 8:14-17.
16 Kiristiyaanonni garee lammaffaa ‘dhaloota siʼanaa’ taʼan, warra garee tokkoffaa wajjin yeroo tokko keessa jiraachaa kan turanidha. Warri kun yeroo miseensonni garee jalqabaa lafarra turanitti lubbuudhaan jiraachuu qofa utuu hin taʼin, yeroo sanatti hafuura qulqulluudhaan dibamaniiru. Kanaaf, yaanni ‘dhaloota siʼanaa’ jedhu, Kiristiyaanota dibamoo yeroo harʼaa jiran hunda kan argisiisu miti. Yeroo harʼaa, miseensonni garee lammaffaa keessa jiraniyyuu umriidhaan baayʼee deemaniiru. Taʼus, yaanni Yesus Maatewos 24:34rratti dubbate, ‘dhaloota siʼanaa’ warra jedhaman keessaa yoo xinnaate muraasnisaanii jalqaba rakkina guddaa utuu hin argin ‘akka hin darbine’ amanannaa qabnu nuuf cimsa. Kunimmoo, Mootiin Mootummaa Waaqayyoo hamoota balleessuudhaan addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu nuu fiduuf yeroon isaaf hafe muraasa akka taʼe amanannaa qabaachuuf nu gargaara.—2 Phe. 3:13.
KIRISTOS MOʼICHASAA NI RAAWWATA
17. Ragaawwan sadan ilaalle, xumura akkamiirra gaʼuuf nu gargaaru?
17 Ragaawwan sadan armaan olitti ilaalle, raawwiisaanii argachaa kan jiran akkamitti akka taʼe hubatteettaa? Yesus guyyaa ykn saʼaatii dhufasaa akka nuti hin beekne dubbateera; dhugumasimmoo beekuu hin dandeenyu. (Mat. 24:36; 25:13) Taʼus, akkuma Phaawulos jedhe “yeroo” keessa jirru beekuu ni dandeenya, beeknas. (Roomaa 13:11 dubbisi.) Dhugumayyuu guyyoota gara dhumaa keessa jiraachaa jirra. Raajii Macaafa Qulqulluutiif, akkasumas wanta Yihowaaniifi Yesus Kiristos raawwachaa jiraniif xiyyeeffannaa yoo kennine, ragaa amansiisaa xumura sirna hamaa kanaatti baayʼee dhihaachuu keenya ibsu arguu ni dandeenya.
18. Namoota Mootummaa Waaqayyoo amananii fudhachuu didan maaltu eeggata?
18 Yeroo dhihootti, namoonni aangoo guddaa Yesus Kiristos inni farda adiirra taaʼuudhaan moʼaa baʼe qabu amananii fudhachuu didan, ilaalchisaanii kun dogoggora akka taʼe hubachuuf dirqamu. Karaa itti jalaa miliqan hin qaban. Yeroo sanatti, namoonni baayʼeen sodaadhaan, “Egaa eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa ree?” jedhu. (Mul. 6:15-17) Taʼus, macaafni Mulʼataa boqonnaan 7 gaaffii kanaaf deebii kenna. Dibamtoonnis taʼan namoonni abdii lafarra jiraachuu qaban, Waaqayyo duratti fudhatama waan qabaniif guyyaa sanatti jabaatanii ni ‘dhaabatu.’ Achiis ‘tuutni sonaan baayʼeen’ kutaa hoolota kan biraa taʼan rakkina guddaarraa ni oolu.—Mul. 7:9, 13-15.
19. Ragaawwan dhumni akka dhihaate argisiisan hubattee itti amanuudhaan tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhachaa yeroo jirtu kanatti maal abdiidhaan eeggachaa jirta?
19 Raajii Macaafa Qulqulluu isa yeroo dinqisiisaa taʼe kana keessatti raawwiisaa argachaa jirurratti yoo xiinxalle, addunyaan Seexanaa yaada keenya hin hihhiru; akkasumas wantoota addunyaa kanarratti raawwatamaa jiran hubachuun nu hin rakkisu. Kiristos yeroo dhihootti waraana qajeelinaa banuudhaan namoota Waaqayyorraa fagaatan ni injifata. (Mul. 19:11, 19-21) Yeroo sanatti wanti Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame raawwatamuunsaa, gammachuu guddaa nuuf argamsiisa!—Mul. 20:1-3, 6; 21:3, 4.