Eebba Karaa Mootii Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuun Argamu Haammadhaa!
Eebba Karaa Mootii Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuun Argamu Haammadhaa!
“Hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata.”—ISA. 11:2.
1. Rakkoowwan biyya lafaarra jiran ilaalchisee namoonni tokko tokko yaaddoosaanii kan ibsan akkamitti?
“BIYYA LAFAA karaa siyaasaa, hawaasummaafi haala naannootiin jeeqamaa jiru keessatti ilmaan namootaa kana booda waggaa 100 akkamitti jiraachuu dandaʼu?” Gaaffii kana hayyuu fiiziksii beekamaa taʼeefi Isteevan Haawukiingi jedhamutu bara 2006tti gaafate. Matadureen gaazexaa Niiwu Isteetismaan jedhamurratti baʼe tokko akkas jedha: “Nuyi hiyyummaa hin balleessine ykn addunyaarratti nagaan akka dagaagu hin goone. Kanaa mannaa, wanta faallaa kanaa taʼe gochuudhaan kan nuu milkaaʼe fakkaata. Kun kan taʼe garuu, carraaqqii utuu hin godhin hafnee miti. Koominiizmiidhaa kaasee hamma kaappitaaliizmiitti, waraana hambisuufimmoo Waldaa Mootummoota Addunyaa hundeessuudhaa kaasee hamma nuukileerii walitti kuusuutti waan hundumaa yaalleerra. ‘Waraana akkamitti akka dhaabsisnu beekna’ jennee yaaduudhaan waraana hedduu keessa galleerra.”
2. Yihowaan yeroo dhihootti guutummaa lafaarratti olaantummaa akka qabu kan argisiisu akkamitti?
2 Yaadawwan akkasii tajaajiltoota Yihowaa kan dinqisiisan miti. Macaafni Qulqulluun ilmaan namootaa kan uumaman ofiin of bulchuuf akka hin taane ibsa. (Er. 10:23) Ilmaan namootaa bulchuuf mirga kan qabu Yihowaa qofadha. Qajeelfama nuu baasuuf, kaayyoon jireenya keenyaa maal taʼuu akka qabu nutti himuufi kaayyoo kanarras akka geenyu nu gargaaruuf mirga kan qabu Yihowaa qofadha. Yeroo dhihoottis aangoosaatti fayyadamee, carraaqqii ilmaan namootaa ofiin of bulchuuf godhaniifi utuu hin milkaaʼin hafe ni balleessa. Akkasumas, warra bulchiinsa Yihowaa tuffatanii ilmaan namootaa cubbuufi Seexana isa “waaqayyicha bara siʼanaa” taʼeef garboomsan hunda ni balleessa.—2 Qor. 4:4.
3. Isaayaas Masiihicha ilaalchisee raajii akkamii dubbate?
3 Addunyaa haaraa Jannata taʼu keessatti, olaantummaan Yihowaa inni jaalalarratti hundaaʼe, karaa Mootummaa Masiihichaa ilmaan namootaatti argisiifama. (Dan. 7:13, 14) Mootii Mootummaa kanaa ilaalchisee Isaayaas, “Hidda Iseyi keessaa latiin in baʼa, dameenis hundee isaa keessaa baʼee ija in godhata; hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata, innis hafuura ogummaatii fi hafuura hubannaa ti, hafuura gorsaatii fi hafuura humnaa ti, hafuura beekumsaatii fi hafuura sodaa Waaqayyoo ti” jechuudhaan raajii dubbatee ture. (Isa. 11:1, 2) Hafuurri Waaqayyoo, Yesus Kiristos inni ‘hidda Iseyi keessaa latu’ ilmaan namootaa bulchuuf gaʼumsa akka qabaatu kan godhe akkamitti? Bulchiinsi Yesus eebba akkamii fida? Eebba kana argachuuf maal gochuu qabna?
Bulchuuf Gaʼumsa Akka Qabaatu Kan Godhe Waaqayyodha
4-6. Yesus Mootii ogeessaafi gara laafessa, akkasumas Angafa Lubootaafi Abbaa Firdii taʼee tajaajiluuf beekumsa barbaachisaa akkamii qaba?
4 Yihowaan ilmaan namootaa isaaf ajajaman Mootii dhugumaan ogeessaafi gara laafessa, akkasumas Angafa Lubootaafi Abbaa Firdii taʼeen geggeeffamanii sadarkaa cubbuurraa itti walaba taʼanirra akka gaʼan barbaada. Waaqayyo, hafuura qulqulluudhaan fayyadamee itti gaafatamummaawwan baayʼee barbaachisaa taʼan kana fudhachuuf gaʼumsa akka qabaatu Yesus Kiristosiin kan filate kanaafidha. Mee sababiiwwan Yesus hojii Waaqayyo isaaf kenne guutummaatti raawwachuu dandaʼa itti jennu muraasa haa ilaallu.
Qol. 1:15) Kanaafuu Yesus, “Namni ana arge abbaa arge” jechuu dandaʼeera.—Yoh. 14:9.
5 Yesus eenyuyyuu caalaa Waaqayyoon akka gaariitti beeka. Ilmi tokkichi kun, Abbaasaa eenyuyyuu caalaa tarii waggoota biliyoona hedduudhaan lakkaaʼamaniif beeka. Yesus yeroo kana keessatti, waaʼee Yihowaa beekumsa guutuu waan argateef ‘bifa Waaqayyo isa ijaan hin argamnee’ akka taʼetti ibsamuu dandaʼeera. (6 Yesus, ilmaan namootaafi uumama hunda ilaalchisee Yihowaatti aanee beekumsa guddaa qaba. Qolosaayis 1:16, 17, “Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne . . . isaan [Ilma Waaqayyootiin] uumaman; . . . Inni wanta hundumaa dura ture; karaa isaa wanti hundinuu iddoo godhatee in jiraata” jedha. Mee yaadi! Yesus, Waaqayyoof “hojjetaa isa hangafa,” [NW] waan taʼeef wantoota kaan uumuurratti hirmaatee ture. Kanaaf, uumama cufa, cabaa atoomii xinnoodhaa kaasee hamma sammuu namaa isa dinqisiisaa taʼetti wanta hunda gadi fageenyaan hubachuu dandaʼa. Kanaafuu, Kiristos ogummaatti fakkeeffamuunsaa sirriidha.—Fak. 8:12, 22, 30, 31.
7, 8. Hafuurri Waaqayyo Yesusiin tajaajilasaarratti kan gargaare akkamitti?
7 Yesus hafuura Waaqayyootiin dibameera. Yesus, “Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra boojiʼamanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf; waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera” jechuudhaan dubbateera. (Luq. 4:18, 19) Hafuurri qulqulluun, Yesus yommuu cuuphame wanta Yihowaan yeroo inni Masiihii taʼee lafarratti tajaajilu akka raawwatu barbaadu dabalatee, wanta nama taʼee dhalachuusaa dura barate akka yaadatu isa gargaaree taʼuu hin oolu.—Isaayaas 42:1; Luqaas 3:21, 22; Yohannis 12:50 dubbisi.
8 Yesus, hafuura qulqulluudhaan kan dibameefi qaamaanis taʼe sammuudhaan mudaa kan hin qabne waan taʼeef, nama namoota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalu qofa utuu hin taʼin Barsiisaa guddicha ture. Namoonni isa dhaggeeffachaa turanillee, “naʼanii barsiisa isaa in dinqisiifatan.” (Mat. 7:28) Tokkoffaa, Yesus maddi rakkina ilmaan namootaa cubbuu, mudaa qabaachuufi karaa hafuuraa beekumsa dhabuu akka taʼe beeka ture. Akkasumas, wanta garaa namootaa keessa jiru beekuudhaan akkuma haalasaaniitti isaan qabuu dandaʼeera.—Mat. 9:4; Yoh. 1:47.
9. Wanta Yesus yeroo lafarra ture raawwaterratti yaaduun keenya, amanannaa Bulchaa gaarii taʼuusaarratti qabnu kan nuu jabeessu akkamitti?
9 Yesus nama taʼee jiraateera. Muuxannoon inni yeroo lafarra ture argateefi namoota mudaa qabanii wajjin jiraachuunsaa, Mootii gaʼumsa qabu akka taʼu baayʼee isa gargaareera. Phaawulos ergamaan, “[Yesus] fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa ooʼa-qabeessaa fi amanamaa taʼuudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise. Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in dandaʼa” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 2:17, 18) Yesus “qoramee” waan tureef, namoota qorumsi irra gaʼuuf gadduu dandaʼa. Yommuu lafarratti tajaajilaa turetti akka namaa ooʼu argisiiseera. Namoonni dhukkubsatan, warri hirʼina qaamaa qaban, warri cunqurfamaniifi ijoolleenillee sodaa malee isatti dhihaatu turan. (Mar. 5:22-24, 38-42; 10:14-16) Namoonni gad deebiʼaniifi waaʼee Waaqayyoo barachuuf fedhii qabanis isatti dhihaatu turan. Karaa garabiraammoo, namoonni of tuulan, boqu jabeeyyii taʼaniifi “Waaqayyoon hin jaallanne,” kan isa hin simanne taʼuusaaniirrayyuu isa jibbaniiru, akkasumas isa mormaniiru.—Yoh. 5:40-42; 11:47-53.
10. Yesus jaalala guddaa nuuf qabu karaa kamiin argisiise?
10 Yesus nuuf jedhee duʼeera. Ragaan hunda caalaa Yesus Bulchaa gaarii taʼuu akka dandaʼu mirkaneessu, nuuf jedhee duʼuuf fedhii qabaachuusaati. (Faarfannaa 40:6-10 dubbisi.) Kiristos, “Namni tokko firoota [“michoota,” hiika bara 1899] isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu” jedheera. (Yoh. 15:13) Yesus, bulchitoota yeroo baayʼee qabeenya namootaatiin qananiidhaan jiraatanirraa haala faallaa taʼeen, ilmaan namootaatiif jedhee lubbuusaa dabarsee kenneera.—Mat. 20:28.
Furicharraa Faayidaa Nuu Argamsiisuuf Aangoon Kennameeraaf
11. Yesus Furee keenya taʼuusaa ilaalchisee guutummaatti kan isatti amanamnu maaliifi?
11 Yesus, Angafa Lubootaa waan taʼeef adda durummaadhaan aarsaa furichaarraa faayidaa kan nuu argamsiisu isa taʼuunsaa sirriidha. Yeroo lafarratti tajaajilaa ture, Bulchiinsasaa Waggaa Kumaa yoo amanamoo taane argannu keessatti, wanta inni Furee keenya taʼuudhaan nuu raawwatu tokko tokko argisiisee ture. Namoota dhukkubsataniifi warra hirʼina qaamaa qaban fayyiseera, warra duʼan kaaseera, namoota hedduu nyaachiseera, akkasumas humnoota uumamaa toʼachuu dandaʼeera. (Mat. 8:26; 14:14-21; Luq. 7:14, 15) Wantoota kana kan raawwate aangoosaa ykn humnasaa mulʼisuuf utuu hin taʼin, gara laafinasaafi jaalalasaa argisiisuuf ture. Nama dhukkuba lamxiitiin qabameefi akka isa fayyisu isa kadhate tokkoon “fedheera” isaan jedhee ture. (Mar. 1:40, 41) Yesus bulchiinsasaa isa Barkumeetti guutummaa lafaarratti gara laafina akkasii argisiisa.
12. Yaanni Isaayaas 11:9rra jiru raawwiisaa kan argatu akkamitti?
12 Kiristosiifi namoonni isaa wajjin bulchan sagantaan barumsa hafuuraa Yesus waggoota 2,000 dura jalqabes akka itti fufu godhu. Karaa kanaan yaanni Isaayaas 11:9rratti, “Akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta” jedhu ni raawwatama. Barumsi Waaqayyo biraa kennamu kun, hojii jalqabarratti Addaamiif kennamee ture, jechuunis qajeelfama lafaafi uumama hedduu isheerra jiran akkamitti akka kunuunsinu nuu kennamu akka dabalatu hin shakkisiisu. Dhuma waggaa 1,000tti kaayyoon Waaqayyo Uumama 1:28rratti dubbate ni raawwatama; aarsaa furichaarraas faayidaa guutuun ni argama.
Abbaa Firdii Akka Taʼu Aangoon Kennameeraaf
13. Yesus qajeelummaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti?
13 Kiristos “warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa firdii taʼee moosifam[eera].” (HoE. 10:42) Yesus qaama hin badne akka qabu, akkasumas qajeelummaafi amanamummaan akkuma sabbataa mudhiisaatti jabeeffamee kan hidhame taʼuusaa beekuun keenya baayʼee kan nama jajjabeessudha. (Isa. 11:5) Sassata, fakkeessaa, akkasumas wantoota gadhee kan biraa akka jibbu argisiiseera; namoota gidiraa warra kaanirra gaʼutti gammadanis balaaleffateera. (Mat. 23:1-8, 25-28; Mar. 3:5) Yesus “garaa namaa keessa kan jiru waan beekuuf,” waan bakkeedhaan mulʼatuun akka hin gowwoomfamne argisiiseera.—Yoh. 2:25.
14. Yesus yeroo ammaatti qajeelummaafi firdii qajeelaa akka jaallatu argisiisaa kan jiru akkamitti? Akkam jennee of gaaffachuu qabna?
14 Yesus hojii lallabaafi bartoota gochuu haala kanaan dura hojjetamee hin beekneen raawwatamaa jiru olaantummaadhaan toʼachuudhaan, qajeelummaafi firdii qajeelaa akka jaallatu argisiisuusaa itti fufeera. Namni, akkasumas bulchiinsi namootaafi hafuurri hamaan kamiyyuu hamma Yihowaan gaʼeera jedhutti hojiin kun akka hin raawwatamne dhowwuu hin dandaʼu. Kanaafuu, Armaagedoon erga darbee booda firdiin Waaqayyoo inni qajeelaan guutummaatti akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Isaayaas 11:4; Maatewos 16:27 dubbisi.) Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Namootan tajaajilarratti argadhuuf ilaalcha akka Yesus qabaa? Fayyaankoo ykn haallikoo wantan gochuu dandaʼu yoo na jalaa daangessellee, hamman dandaʼe wantan qabu Yihowaadhaaf nan kennaa?’
15. Hamma dandeenye Yihowaa tajaajiluuf kan nu gargaaru maal yaadachuu keenyadha?
15 Hojiin lallabaa, hojii Waaqayyoo akka taʼe yaadachuun keenya, garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf nu gargaara. Yihowaan akka lallabnu ajajeera; akkasumas karaa Ilmasaa hojii kana geggeessaa jira; hafuura qulqulluutti fayyadamees namoota hojii kanarratti hirmaataniif humna kenna. Mirga guddaa Waaqayyoofi Ilmasaa isa hafuura qulqulluudhaan geggeeffamuu wajjin tajaajiluuf argattaniif bakka guddaa kennituu? Namoonni miliyoona torbaa ol taʼaniifi hedduunsaanii ‘barumsa dheeraa kan hin qabneefi kan hin beekamne’ taʼan, ergaa Mootummichaa biyyoota 236 keessatti akka lallaban gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha.—HoE. 4:13.
Karaa Kiristos Eebba Argadhaa!
16. Uumamni 22:18 eebba Waaqayyo biraa argamu ilaalchisee maal ibsa?
16 Yihowaan Abrahaamiin, “Ati waan anaaf abboomamteef, sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu” jedheera. (Uma. 22:18) Kunis namoonni tajaajila Waaqayyoofi Ilmasaatiif dhiheessaniif bakka guddaa kennan, eebba Sanyiin Masihiichaa fidu argachuuf abdachuu akka dandaʼan kan argisiisudha. Yeroo harʼaatti, namoonni kun eebba kana yaadatti qabachuudhaan dammaqinaan tajaajilaa jiru.
17, 18. Keessa Deebii 28:2rratti abdii Yihowaan kenne isa kam dubbisna? Kun nuuf hiika akkamii qaba?
17 Waaqayyo yeroo tokko Saba Israaʼel warra sanyii Abrahaam taʼaniin, “Sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii yoo dhageessan, eebbi [kakuu Seerichaa keessatti ibsame] kun hundinuu isiniif in dhufa, isin in qaqqabas” jedhee ture. (Kes. 28:2) Tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran ilaalchisees akkasuma jechuun ni dandaʼama. Eebba Yihowaa argachuu yoo barbaaddan, sagaleesaa ‘dhagaʼaa.’ Kana yoo gootan eebbisaa “isiniif in dhufa, isin in qaqqabas.” Haataʼu malee ‘dhagaʼuun’ maalfaa dabalata?
18 Dhagaʼuun, wanta Dubbii Waaqayyoofi nyaata hafuuraa inni qopheessurratti dhihaatu qalbeeffachuu akka dabalatu beekamaadha. (Mat. 24:45) Waaqayyoofi Ilmasaatiif abboomamuus ni dabalata. Yesus, “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti” jedheera. (Mat. 7:21) Waaqayyoon dhagaʼuu jechuun, jaarsolii gumii Kiristiyaanaa keessatti inni muudeefi “kennaa” godhee kenneef fedhiidhaan bitamuu jechuudha.—Efe. 4:8.
19. Eebba argachuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Dhiironni “kennaa” taʼan miseensota Qaama Olaanaa, guutummaa gumii Kiristiyaanaa bakka buʼanis kan dabalatanidha. (HoE. 15:2, 6) Murtoon yeroo rakkina guddaatti argannu irra caalaatti, ilaalcha obboloota Kiristos warra dibamoo taʼaniif qabnurratti kan hundaaʼedha. (Mat. 25:34-40) Kanaaf, karaan itti eebba argannu inni tokko warra Waaqayyo dibe amanamummaadhaan deggeruudha.
20. (a) Dhiironni “kennaa” taʼan itti gaafatamummaa guddaa akkamii qabu? (b) Dinqisiifannaa obboloota kanaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Dhiironni “kennaa” taʼan miseensota Koree Waajjira Damee, daawwattoota olaanaafi jaarsolii gumii hafuura qulqulluudhaan muudamanis ni dabalatu. (HoE. 20:28) Itti gaafatamummaan obboloota kanaa inni guddaan, “hamma hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaqayyoo beekuu namoota gaʼan taanee, guddannees safara guutummaa Kristos bira hamma geenyutti” warra saba Waaqayyoo taane cimsuudha. (Efe. 4:13) Obboloonni kun akkuma keenya namoota cubbuu dhaalan akka taʼan beekamaadha. Taʼus, gargaarsa hafuuraa isaan jaalalarratti hundaaʼanii nuu godhaniif kan galateeffannuufi gargaarsa kana kan fudhannu taanaan eebba arganna.—Ibr. 13:7, 17.
21. Ilma Waaqayyootiif abboomamuun keenya ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?
21 Kiristos, biyya lafaa Seexanni bulchu kana yeroo dhihootti ni balleessa. Yesus “tuuta sonaan baayʼee” raajiidhaan dubbatame “gara burqaa bishaan jireenya kennuutti” akka geessu Waaqayyo aangoo waan isaa kenneef, yeroo kun taʼutti jireenyi keenya murtoo inni kennurratti kan hundaaʼe taʼa. (Mul. 7:9, 16, 17) Kanaaf, Mootii hafuura Yihowaatiin geggeeffamu kanaaf fedhiidhaan bitamuufi galateeffannaa qabaachuuf, ammumaa kaasnee hamma dandeenye haa carraaqnu.
Caqasoota Kanarraa Maal Baranna?
[Gaaffiiwwan Qayyabanna]
[Fakkii fuula 17rra jiru]
Yesus yeroo intala Yaayiros duʼaa kaasetti gara laafinnisaa mulʼateera
[Fakkii fuula 18rra jiru]
Yesus Kiristos hojii lallabaa haala kanaan dura hojjetamee hin beekneen raawwatamaa jiru olaantummaadhaan toʼachaa jira