Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

OGUMMAA BARA DURII JIREENYA AMMAYYAATIIF TAʼU

Hin Yaaddaʼinaa

Hin Yaaddaʼinaa

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Waaʼee jireenya keessanitti . . . hin yaaddaʼinaa!”—Maatewos 6:25.

Maal jechuu dha? Yesus yaada olitti argamu kan dubbate Lallaba isaa isa Gaaraa irratti dha. Galmeen Kitaaba Qulqulluu tokko akka jedhetti, jechi Afaan Giriikii “yaaddaʼuu” jedhamee hiikame, “wanta sababa hiyyummaa, beelaa fi rakkoowwan guyyaa guyyaatiin kan kaʼe nama tokkotti dhagaʼamu” kan argisiisu dha. Yeroo baayʼee yaaddaʼuun wanta gara fuulduraatti taʼuu dandaʼu ilaalchisee dhiphachuu kan dabalatu dha. Wanta jireenyaaf nu barbaachisuu fi nageenya namoota jaallannuu ilaalchisee yaaddaʼuun waanuma jiru dha. (Filiphisiiyus 2:20) Haa taʼu malee Yesus, “Hin yaaddaʼinaa” yeroo jedhu bartoonni isaa yaaddoo hin barbaachisne, jechuunis bor maaltu taʼa laata jedhanii sodaachuudhaan gammachuu harʼa argachuu dandaʼan akka hin dhabne gorsuu isaa ture.—Maatewos 6:31, 34.

Gorsi kun yeroo harʼaatiif ni hojjetaa? Gorsa Yesus hordofuun keenya barbaachisaa dha. Maaliif? Qorannaawwan tokko tokko akka mulʼisanitti namoonni garmalee yaaddaʼuun isaanii, sirni narvii namootaaf gadduu wajjin wal qabatu utuu wal irraa hin kutin akka hojjetu kan godhu siʼa taʼu, kun immoo “rakkoowwan fayyaa kan akka madaa garaachaa, onnee fi aasmii fiduu dandaʼa.”

Yesus yaaddoo hin barbaachisne irraa fagaachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibseera: Buʼaa hin qabu. Yesus, “Isin keessaa namni tokko hammam yaaddaʼu illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa dabalachuu kan dandaʼu jiraa ree?” jedhee gaafateera. (Maatewos 6:27) Yaaddaʼuun, rakkina keenyaaf furmaata fiduu mitiitii umurii keenya irratti sekoondii muraasa illee dabaluu hin dandaʼu. Kana malees, yeroo baayʼee wanti nuti sodaanne akka nuti eegne hin taʼu. Kana ilaalchisee hayyuun tokko akkana jedhaniiru: “Waaʼee gara fulduraa yaaddaʼuun gatii hin qabu; akkasumas yeroo baayʼee garri fuulduraa isa nuti yaadne caalaa gaarii taʼa.”

Yaaddaʼuu dhiisuu kan dandeessu akkamitti? Tokkoffaa, Waaqayyotti amanami. Waaqayyo simbirroota kan sooruu fi abaabootti bareechee kan uffisu erga taʼee, ilmaan namootaa waaqeffannaa isaatiif dursa kennaniif immoo wanta isaan barbaachisu isaaniif hin kennuu? (Maatewos 6:25, 26, 28-30) Lammaffaa, waaʼee borii hin yaaddaʼin. Yesus, “Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaaddaʼata” jedheera. Yaada, “Rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in gaʼa” jedhu irratti walii hin galtuu?—Maatewos 6:34.

Gorsa Yesus hojii irra oolchuudhaan, qaama keenya miidhuu irraa fagaachuu dandeenya. Dabalataanis keessa keenyatti tasgabbii, isa Kitaabni Qulqulluun, “nagaa Waaqayyoo” jedhee waamu arganna.—Filiphisiiyus 4:6, 7.