Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

1 Pheexiros 5:6, 7—“Harka Waaqayyoo Isa Jabaa Jalatti Gad of Qabaa; . . . Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”

1 Pheexiros 5:6, 7—“Harka Waaqayyoo Isa Jabaa Jalatti Gad of Qabaa; . . . Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”

 “Kanaafuu, yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf, harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa; inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:6, 7, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Kanaafis Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga’u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa! Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!”—1 Pheexiros 5:6, 7, Hiika Bara 1997.

Hiika 1 Pheexiros 5:6, 7

 Pheexiros ergamaan gorsa olitti argamu dubbachuudhaan Kiristiyaanonni rakkinaa fi yaaddoo isaanii ilaalchisee amanannaadhaan Waaqayyoon akka kadhatan isaaniif mirkaneesseera. Waaqayyo namoota gad of qabaniif bakka guddaa kenna, isaan eebbisas.

 “Harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa.” Kitaaba Qulqulluu keessatti harki Waaqayyoo yeroo baayʼee humna inni oolchuu fi eeguuf qabu argisiisa. (Baʼuu 3:19; Keessa Deebii 26:8; Izraa 8:22) Kiristiyaanonni harka Waaqayyoo jalatti gad of qabuu qabu. Qorumsa isaan mudatu ofii isaaniitiin moʼuuf humna akka hin qabne amananii fudhachuu qabu. (Fakkeenya 3:5, 6; Filiphisiyus 4:13) Waaqayyo yeroo sirrii fi barbaachisaa taʼetti isaan gargaaruuf humna akka qabu amanannaa qabu.—Isaayaas 41:10.

 “Yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf.” Warri obsaan qorumsa moʼan Waaqayyo yeroo booda ol akka isaan qabu ykn akka isaan eebbisu amanannaa qabaachuu dandaʼu. Waaqeffattoonni isaa bara baraaf ykn humna isaaniitii ol akka qoraman hin godhu. (1 Qorontos 10:13) Kanaa mannaa wanta gaarii gochuu isaanii yoo itti fufan “yeroon isaa yommuu gaʼu” Waaqayyo isaan ni eebbisa.—Galaatiyaa 6:9.

 “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.” Kiristiyaanonni dhiphina isaanii hunda gad of qabanii kadhachuudhaan Waaqayyo irratti gatuu dandaʼu. Barreeffamni tokko akkana jechuudhaan ibseera: “Jechi gataa jedhu wanta tokko of irraa furguggisanii darbachuu kan argisiisudha. Kunis itti yaadamee kan godhamu taʼuusaa ibsa.” Kiristiyaanni tokko dhiphina isaa Waaqayyo irratti erga gatee booda yaaddoo isaa ni hirʼisa, ‘nagaa Waaqayyoo’ isa Kitaabni Qulqulluun ibsus ni argata. (Filiphisiyus 4:6, 7) Waaqayyo akka isaaf yaaduu fi isa deggeruuf humna Isaa isa daangaa hin qabnetti akka fayyadamu waan beekuuf, Waaqayyo isa gargaaruu akka barbaadu mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa.—Faarfannaa 37:5; 55:22.

Yaada naannoo 1 Pheexiros 5:6, 7​tti argamu

 Boqonnaan 5 xumura xalayaa jalqabaa Pheexiros Kiristiyaanotaaf barreessedha. (1 Pheexiros 1:1) Akkuma yeroo harʼaa duuka buutonni Kiristoos yerosii qorumsi garagaraa amantii isaanii irra gaʼuu fi isaan dhiphisan isaan mudatee ture. (1 Pheexiros 1:6, 7) Pheexiros rakkina isaan keessa jiran hubachuudhaan xalayaa jajjabinaa Dh.K.B. naannoo 62-64 barreesse.—1 Pheexiros 5:12.

 Pheexiros warra sababa amantii isaaniitiin qorumsi isaan irra gaʼu jajjabeessuudhaan xalayaa isaa xumureera. Kan gad of qabanii fi Waaqayyotti kan amanaman taanaan jabaatanii akka dhaabatan akka isaan gargaaru amanannaa qabaachuu dandaʼu. (1 Pheexiros 5:5-10) Gorsi Pheexiros Kiristiyaanota yeroo harʼaa ariʼatamni isaan irra gaʼus kan jajjabeessudha.

 Waaʼee kitaaba 1 Pheexiros gabaabaadhumatti hubachuuf, viidiyoo gabaabaa kana ilaali.